Nuuralhudaa

Naannoo Kibbaa Magaalaa Halaabaatti Konfiransiin da’awaa guddaan geggeeffamaa jira

٠٢/٠٣/٢٠١٩

Konfiransiin da’awaa guyyaa kaleessaa jalqabame kun guyyaa hardhaatis kan itti fufeyoo tahu, kaayyoon sagantaa kanaa duula hamaa hawaasa muslimaa kafarsiisuuf godinicha keessatti bal’inaan geggeeffamaa jiru irratti hawaasni amantaa isaa akka itti eeggatu irratti hubannoo kennuuf tahuu beekameera. Sagantaa Kana irratti ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa fi Ustaazoni heddu argamuun qooda fudhataa jiran.

Ulamaa’ota fi keessummoota sagantaa kana irratti hirmaatan jidduu:

Dr. Jeylan Khadiir

Ustaaz Saadiq Ahmad

Ustaaz Muhammad Musxafaa

Ustaaz Qamar Huseen

Ustaaz Abubakar Ahmad

Ustaaz Ahmaddiin Jabal fi keessummoonni biroo heddu hirmaata jiraachuun beekameera.