Nuuralhudaa

Prezedaantiin Suudaan duraanii Umaar al-Bashiir yakka ajjeechaatiin himatame

05/13/2019

Abbaan Alangaa biyyattii ibsa baaseen akka jedhetti, prezdaant Al Bashiir ajjeechaa mormitoota mootummaa irratti raawwatame ajaja dabarsuudhaan kan himatame tahuu beeksise.

Umar Al Bashiir ji’a tokko dura waraana biyyattiitiin aangoorraa fonqolchamee  mana hidhaatti kan darbame tahuun ni beekama.