Suudaan daangaa Libiyaa fi Jidduu gala Rippaabliika Afrikaa waliin qabdu cufate

09/26/2019
Nuuralhudaa

Suudaan daangaa Libiyaa fi Jidduu gala riippaabliika Afrikaa (Central African Republic) waliin qabdu kan cufte yoo ta’u, murtiin akkasii kun prezdaantiin Suudaan duraanii Umar Al Bashiir April dabre keessa aangoo irraa eegaa fonqolchamee booda kun kan jalqabaa tahuu gabaafame.

Mootummaan Suudaan ibsa baaseen, Walgahii manni marii birmadummaa Suudaan fi qondaaltoonni bulchiinsa kutaa kibba Darfuur guyyaa har’a waliin geggeessaan irratti, sababa nagaya naannicha fi dinagdee Suudaan irratti dhiibbaa guddaa uumeef, daangaleen biyyoota lamaan waliin qabu akka cufamu kan murteesse tahuu ibse.