Sirni Awwaalcha Sheikh Muhammad Amiin Karroo Magaalaa Kabajamtuu Makkaatti Raawwatame

11/04/2019
Nuuralhudaa

Sirni Awwaalcha Aalima guddaa Biyya keenyaa Sheikh Muhammad Amiin Karroo galgala har’aa Magaalaa Kabajamtuu Makkaa, iddoo Qabrii Ma’allaa jedhamuutti raawwatame.

Sirnna awwaalcha isaanii irratti Ulamaa’onni gurguddoon Adduunyaa hedduun, hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu, barattoonni isaanii argamanii jiru.

Ulamaa’ota argaman jidduu muraasni

Sheikh Alii Aadam

Dr Abduljaliil Hasan

Dr Usmaan Abdallah fi Ulamaa’onni Afrikaa fi Eshiyaa gurguddoon argamu beekameera.

Sheikh Muhammad Amiin Karroo Ulamaa’ota biyyi teenya qabdu, kan Sadarkaa Adduunyaatti beekaman jidduu yoo tahan, kitaaboota Diin Islaam 43 Afaan Arabaatiin qopheessanii jiru, kitaaboota isaan qopheessaan kana keessaa 12 maxxanfame jira, kitaaboonni 31 tahan immoo kan hin maxxanfamne.

Sheikh Muhammad Amiin Rabbiin Jannataan haa Qananiisuu, Firaa fi Ahlii isaanii akkasumas hawaasa Muslimaa maraafu Rabbiin Sabrii haa keennu jeenna.

3