Ministeerri Fayyaa Dr. Amiir Amaan aangoo gadi lakkisuuf akka tahe gabaafame

11/07/2019
Nuuralhudaa

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Dr. Amiir Amaan aangoo gadi lakkisuuf xalayaa waajjira muummicha ministeeraatiif kn galfate tahuu gabaafame. Haata’u malee ministeerichi sababaan aangoo gadi lakkisuuf murteesseef hin beekamne.

Dr.Amiir Amaan Ebla 11 bara 2010 irraa eegalee ministeeraa fayyaa tahuun yeroo muudame irraa eegalee, itti gaafatamummaa ol’anaa fi ciminaan nama tajaajilaa ture yoo tahu, haaluma kanaan ummata biratti qondaala jaalalaa fi kabajaa guddaa horate tahuun isaa ni beekama.