Iiraan Droonii daangaa isii qaxxaamure rukuttee kuffisuu beeksiste

11/08/2019
Nuuralhudaa

Mootummaan Iiraan ibsa baaseen, humni qilleensa biyyattii Jum’aa har’aa Droonii biyya biroo tan daangaa Kibba Lixaatiin gara Iiran seente, qarqara magaalaa Mahishahr jedhamtutti rukutee kuffisuu beeksise. Iiraan Droonii rukuttee kuffiste tana kan qorataa jirtu tahuu ibsuun alatti, Drooniin tun tan biyya kami akka taatee fi ergamni isii maal akka tahe hin ibsine.

Ibsa Iiraan kana hordofuun humni Waraana Ameerikaa naannichatti argamu gama isaatiin ibsa baaseen ammoo, Drooniin Ameerikaa tokkollee kan hin rukutamin tahuu beeksise. Haata’u malee June dabres humni qilleensa Iiraan haaluma wal fakkaatuun Droonii Ameerikaa rukutee kuffisuu akkuma ibseen, Ameerikaan jalqaba gabaasicha soba jechuun eega waakkattee booda deebistee ammoo amanuun isii ni yaadatama.