Soreessa Adduunyaa Jarraa 14ffaa

11/08/2019
Nuuralhudaa

Yeroo ammaa kanatti Sooreyyii irraa yoo dubbatamu wanti sammuu keenya keessa dhufu, dureeyyii Addunyaa akka Bernard Arnault, Bil geet, Warren Bufet, Mark Zukembergii fi kkf dha. Haata’u malee durreessa Addunyaa ardii Afrikaa Mootii Maalii kan jarraa 14ffaa keessa jiraate, qabeenyi isaa dachaa Dureeyyii amma maqaa dhoofnee kanneenii ta’uu hagam keenyatu beeka?

Akka lakkoofsa Miiladiyaatti bara 1280 keessa dhalate, bara 1312-1337 waggoota 25niif Mootii Biyya lixa Afrikaa kan tate , Mootii Maalii tahuun kan bulchaa ture Mansaa Muusaa, qabeenyi inni yeroo sanitti horatee qabu, kan dureeyyiin Addunyaa hanga hardhaa jiran horatanii hin beekne tahuu seenaan isaa ni mul’isa. Qabeenyi inni yeroo sanitti horate qabu Dolaraa Ameerikaa Biliyoona 400 ni gaha jedhamee tilmaamama.

Mootii 10ffaa Maali kan ture Maansaa Muusaa, Yeroo mootummaa isaatti, ogummaa fi beekumsa ijaarsaa manneenii, iddoowwan seena qabeessaa fi maanneen amantaa haala addaatiin babal’isuu danda’ee jira. Ashaaraan kun hanga har’aatti qaroomina zamana sanii akka mul’isanitti argamu.

Maddi qabeenya isaa, Dahaaba(Warqee) fi Sogidda Impaayara isaa irra walitti qabamu akkasumas gibira daldala Garba Atlaantiik irraa haga gammoojjii Saharaatti daldaltoota Awurooppaa fi Arabootaan diriirfame ture irra waliitti qabamu tahuus himama. Magaalaan Tumbuuktuu Wirtuu daldaala fi magaalaa guddoo teessoo mootichaa turte.

Jarraa 13ffaa -14ffaa yeroon ture, waqtii Biyyoonni Awrooppaa walii isaanii itti wal nyaataa turan, waqtii jidduu isaaniitti waldhabbiin hamaan itti ture yoo tahu, waqtiin sun Afrikaaf immoo yeroo nagayaa, badhaadhinaa fi guddinaa ture.

Yeroo sanitti Maalii dabalatee biyyoonni akka Senegaal, Gaambiyaa, Nijeer, Mooritaniyaa, Giinii, Burkinafaasoo, Naayijeeriyaa fi Chaad, walumaa galatti lafti maayilii 2000 ol uwwisu bulchiinsa Mansaa Muusaa jala turan.

Taatteewwan Mansaa Muusaa gurguddoo adda dureen seenaa keessatti galmaahanii argaman jidduu tokko imala isaa gara Makkaati. Arkaana Islaamaa 5ffaa kan ta’e Sirna Hajjii raawwatuuf bara 1324tti Maalii irra Masri keessa qaxxaamuruun, fageenya Maayila 4000 irratti kan argamtu gara Magaalaa Kabajamtuu Makkaatti imale.

Imalli kun Imala Gaalaa fi Fardeeniin godhame yoo tahu, Imalli isaa kun Addunyaa irraa qaalii fi kan qabeenyi guddaan itti dhangala’e jechuun dinqisiifatame, akkasumas Imala kana irratti ture dureessa Addunyaa tahuun isaatis kan beekame.

Magaalota keessa qaxxaamuree fi keessa boqate hundatti, qabeenya isaa irraa harka qalleeyyiifi namoota rakkataniif gumachaa ture.

Imala hajjii Seenaa Qabeessa fi aja’ibsiisaa jedhame kana irratti, loltoota 60,000, tajaajiltoota heddu,Gaala 100 akkasumas fardeen hedduu Dahaabaa fi birrii fe’atan irratti hirmaatanii jiru.

Magaaloota mootichi qabeenya qabatee imala turerraa gumaacha guddaa itti gumaache jidduu , magaalaa guddoo Masri kan taate magaalaan Kaayiroo tokko yoo taatu, yeroo sanitti jiraattonni magaalaa Kaayiroo rakkoo hamaaf saxxilamanii wan turaniif, daawwannaa isaa kan magaalaa Kaayirootti godhe irratti, gumaata guddaa Dahaabaa fi birrii qabatee imalaa ture irra kenne. kennaan Mansaa Muusaa kun kan diinagdee biyyatti yeroo dheeraaf deggare tahuu himama.

Mansaa Muusaa Mootii sooressa qofa hin turre. Nama Barnoonni Ardii Afrikaa keessatti akka babaldhaatu Zamana sanitti shoora guddaa baheedha. Keessumattu Barnoonni Diin Islaam, Herreegaa, Barnoonni Fayyaa, falaasama Bulchiinsa isaa dabalatee Afrikaa keessatti akka babaldhatu shoora guddaa bahee jira

Masjiidoonni, Madrasaaleen, dhaabbileen barnoota gurguddoo, manneen kitaabaa fi masaraan mootummaa inni yeroo sanitti magaalaa Timbuuktuutti ijaarsise hanga hara’aa Maalii keessatti tajaajila keenna jiru.

Mansaa Muusaa Imala Hajjii irra yoo deebi’u qaroomina biyyoota Arabaa keessatti arge gara biyya isaa fiduun beeksiise jira. Keessumattu yeroo sanitti nama ogummaa Mahandisuummaatiin beekamaa ture ISHAA ALTAAJUUNII gara biyya isaatti affeeruun, Ijaarsa gurguddaa seenaa qabeessa tahan Maalii keessatti ijaarsisuun Adduunyaaf beeksiise jira.