Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota sababa Vaayirasii Koroonaatiin du’anii 300,000 dabre

05/14/2020
Nuuralhudaa

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee miiliyoona 4.5 kan dhihaate yoo tahuu, lakkoofsi namoota sababa vaayirasii kanaatiin du’anii ammoo 300,000 dabree jira. Gama biraatiin ammoo namoonni 1,687,565 dhibee kana irraa bayyanatanii jiru.

Weerara Vaayirasii koroonaatiin walqabatee Odeeyfannoowwan ijoon May 14, 2020 kanneen armaan gadiiti:

-Weerararri Vaayirasichaa biyyoota muraasa keessatti kan hir’ataa jiru tahus, biyyoota heddu keessatti ammoo dabalaa jira. Gama biraatiin ammoo biyyoonni akka Chaayinaa fi Kooriyaa Kibbaa kanaan dura weerara Vaayirasichaa to’atuu labsanii turan, amma ammoo weerarri Vaayirasichaa marsaan lammaffaa ka’uu mala jechuun of eeggannoo cimsaa jiran.

Haaluma kanaan Kaaba Baha Chaayinaa magaalaa Jilin jedhamtu keessatti namoonni heddu Vaayirasichaan qabamuu eega mirkanaahee booda, mootummaan biyyattii naannawa magaalatti muraasa cufee jira. Dabalataanis ummata miiliyoona 10 kan magaalaa Huwan tan jalqaba vaayirasichi irraa ka’e keessa jiraatu hundaaf, torbee dhuftu qorannoon vaayirasichaa kan godhamuuf tahuu ibsame.

Kooriyaan Kibbaa ammoo manneen Shubbisaa magaalaa Seoul keessa jiran Vaayirasicha haarayatti tamsaasaa jiran jechuun cufte.

-Weerarri Vaayirasichaa Ameerika keessatti ammas haala yaaddessaa taheen itti fufee jira. Biyyattii keessatti namoota miiliyoona 1.4 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu, hanga galgala har’aatti namni 85,699 du’uu gabaafame. Haata’u malee hogganaan garee to’annoo weerara vaayirasii koroonaa Dr. Anthony Fauchi guyyaa dheengaddaa Kongirasii biyyattiitiif ibsa kenneen, Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota sababa Vaayirasichaatiin du’an kan gabaafamee ol tahuu ragaa bahe.

-UK keessattis lakkofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii kan hanga ammaatti gabaafamee ol tahuu ejensiin Istatiksii biyyattii beeksise.

-Biyyoonni yeroo ammaa Vaayirasiin koroonaa saffisaan keessatti babal’ataa jiru jidduu Raashiyaa, Braaziil, Indiyaa, Turkiyaa fi Peruun keessatti argamu.

-Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ejensiin baqattoota UNHCR ammoo weerararri Vaayirasichaa kaampiilee baqattootaa keessatti mul’ataa jiraatuu ibsuun, kaampiiwwan heddu keessatti baqattoonni walitti dhihaatanii jiraatuu isaaniitiin wal qabatee vaayirasichi salphatti daddarbuu mala jedhe. Haaluma kanaan Baangiladiish keessatti Kaampii baqaattoonni Rohingiyaa miiliyoona tokkoo ol keessa qubatanitti namoonni lama Vaayirasichaan qabamuu beeksise.

-Ejeensiin Dhiheessi Dawaa Awrooppaa talaalliin Vayirasii koroonaa waggaa tokkoo booda kan dhaqqabu tahuu beeksise. Biyyoonni heddu yeroo ammaa talaallii fi dawaa dhibee koroonaa omishuuf yaalii irra jiran. Gama biraatiin ammoo Prezdaantii Afrikaa Kibbaa Seriil Ramofoosaa fi Muummicha ministeera Paakistaan Imraan Khan dabalatee hoggantoonni biyyoota 140 Xalayaa Mana Marii Fayyaa Addunyaatiif barreessaniin, talaalliin Vaayirasichaa fulduratti oomishamu kamiyyuu ummata addunyaa hundaaf bilisaan akka kennamu gaafatan.

-Ameerikaan daataa qorannoo Vaayirasii koroonaa irratti geggeessaa jirtuu, Chaayinaan gama Interneetiitiin jalaa hatuu eega himtee booda, Mootummaan Chaayinaa “Himannaan Ameerikaa soba; gocha akkanaatis ni balaaleffanna” jedhe.

-Buruundiin Ogeeyyota Dhaabbata Fayya Addunyaa afur biyya isiitii ariite. WHO’n gocha Buruundii kanatti gadduu beeksise. Ogeeyyonni dhaabbaticha sababni ari’amaniif hin ibsamne. Gama biraatiin ammoo Lesetoon namni jalqabaa vaayirasii koroonaatiin abame argamuu kaleessa gabaaste. Haaluma kanaan Vaayirasichi biyyoota Afrikaa hunda waliin gahuu mirkanaahee jira.

Weerarri Vaayirasichaa torbee lamaan dabran irraa jalqabee naannawa Afrikaa kanneen biroo caalaa Baha Afrikaa keessatti saffisaan dabalaa jira.