Paakistaan keessatti xiyyaarri imaltoota 100 ol fe’atee ture kufuu gabaafame

05/22/2020
Nuuralhudaa

Qondaaltonni Siviilaviyeeshiinii biyyattii Jum’aa har’aa ibsa baasaniin, Xiyyaarri hojjattoota dabalatee imaltoota 100 ol fe’atee ture magaalaa Kaaraachii keessatti kufuu beeksisan. Xiyyaarri magaalaa Laahoor irraa gara Kaarachii imalaa ture, qubachuuf daqiiqaan muraasni yeroo hafetti naannawa jireenyaa irratti kan kufe yoo tahu, waraanni mootummaa Paakistaan saffisaan gara iddoo balaan kun itti muudateetti imaluun tattaaffii lubbuu baraaruu irra kan jiru thuu BBC’n gabaase.

Hanga ammaatti balaa kanaan lubbuu namaa fi qabeenya irra badiin gahe ifatti kan hin gabaafamin tahus, nammooni heddu balaa kanaan du’uu akka hin oolle miidiyaaleen gara garaatiin ibsamaa jira.

Muummichi ministeera Paakistaan Imraan Khan. balaa tasaa kanaan akka malee rifachuu fi gadduu isaa ibsuun, ka’umsi balaa kanaa saffisaa kan qoratamu tahuu beeksise.