Mootummaan Masri Labsiin Yeroo Muddamaa ji’a sadiif kan itti fufu tahuu ibse

10/26/2019
Nuuralhudaa

Prezdaantiin Masrii Abdulfattaah al Siisiin ‘fiinxaaleeyyii waliinin qabsootti jira’ jechuun baroota sadan dabran biyyattiitti labsii yeroo muddamaa labsuun ni yaadatama. Ammas guutuu biyyaatti labsichi ji’a sadiif akka turu mootummaan Masrii murteyse.

Labsiin muddamaa kun ifatti mirga namummaa sarbaa jira jechuun mormitoonni labsichi akka kaafamu gaafatanis mootummaan Siisii hin fudhanne.

Labsicha hordofuun dhaabbileen mootummaafi mit-mootummaa kan akka Miidiyaa, Gaazexaa, Teeleefi miidiyaan hawaasaa tohannoo waraanaa jala galfamu Odeeyfannoon ni addeessa.