Iiraan buufata waraana Ameerikaa Iraaq tti argamu haleelte

01/08/2020
Nuuralhudaa

Iiraan ajjeechaa ajajaa ol’aanaa waraanaa isii Jeneraal Qaasim Suleeyman haaloo bahuuf Ameerikaa irratti dhaadate turte, haaluma kanaan halkaan har’aa buufata waraana Ameerikaa Eyn-al-Asad jedhamu, kan Iraaq tti argamu haleelluun gabaafame.

Haleellaa kanaan miidhaan dhaqqabe hagam akka ta’e, haga ammatti wanti beekame hin jiru.