Nuuralhudaa

Haleellaa Magaalaa Triipoolii keessatti buufata baqattootaa irratti raawwatameen namoonni 40 ol ajjeefaman

07/03/2019

Qondaaltonni Liibiyaa akka jedhanitti haleellaa kana waraanni Jeneraal Khaliifaa Haftaariin hogganamu kan raawwate yoo tahu, namoota ajjeefamaniin alattis baqattoonni 80 ol kan madaayan tahuu ibsan. Dubbi himaan tajaajila yeroo balaa Osaamaa Alii AFPtti akka himetti, daa’imman dabalatee namoonni 120 ol buufata xiyyaaraan haleelame kana keessa kan turan tahuu ibse.

Baqattoonni haleellaa ganama har’aa raawwatame kanaan miidhaman irra hedduun lammiilee Afrikaa gara Awrooppaatti baqataa turan tahuus odeeyfannoon ni addeessa. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Ejensiin Baqattootaa UNHCR ajjeechaa kana kan balaaleffate yoo tahu, haalli baqattoota Liibiyaa keessatti argamanii ammas hedduu yaaddessaa tahuu beeksise.