Nuuralhudaa

Faransaay Dhaabbilee teeknoolojii gurguddoo irra kaffaltii gibira dabalataa keette

07/11/2019

Paarlaamaan Faransaay Google  fi Facebook dabalatee dhaabbilee teknoolojii irratti dabalataan gibira 3% kan labse yoo tahu, Ameerikaan murtii  Faransaay kana mormaa jirti. Prezdaant Traamp murtiin Faransaay kun iftoomina kan hin qabnee fi dhaabbilee Ameerikaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsuun, dhimmicha irratti qorannoon akka adeemsifamu ajaja dabarse.

Faransaay gama isiitiin dhaabbileen kunniin sirna taaksii idil addunyaa darbaa jiru jechuun daballiin gibiraa kun sirrii tahuu mormite. Kaampaaniiwwan teknoolojii galii waggaa Yuuroo miiliyoona 750 ol argatan tahanii, yoo xiqqaate galiin isaanii yuuroon miiliyoona 25 Faransaay keessaa kan maddu yoo tahe labsiin kun kan isaan ilaallatu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Faransaay labsii kanaan bara 2019 keessa qofa Yuuroo miiliyoona 400 walitti qabuuf  karoorfatte.