Nuuralhudaa

Poolisiin Federaalaa maallaqa biyyoota alaa Dolaara miiliyoona 2 ol seeraan ala kuufame qabuu ibse

07/21/2019

6

Komishiina Poolisii Federaalaatti Itti aanaan Daayrektra qorannoo yakka Faayinaansii Komandar Taaddasa Ayalewu FBC’f akka himetti, namoota Doolara Ameerikaa miiliyoona 2.4 dabalatee mallaaqa biyyoota gara garaa seeraan ala sochoosaa turan too’annaa jala oolchuu ibse.

Maallaqa kanneen jidduu, Dolara Ameerikaa miiliyoona 2 fi kuma 486, Pawundii UK kuma 55, Dolaara Kaanaadaa kuma 25 akkasumas maallaqni Awstiraaliyaa, Emreets, Sa’uudii dabalatee kanneen biyyoota biroots kan qabame tahuu beekamee jira.

Namoota maallaqa seeraan ala waliin qabaman irratti qorannoon barbaachisu xumuramee dhimmi isanii gara mana murtiitti kan dabre tahuu odeeyfannoon ni addeessa.