Nuuralhudaa

​​Hawaasni magaalaa Awwadaay miidiyaa Nuuralhudaatiif tumsa godhe.

07/27/2019

5

Magaalaa wiirtuu daldala Oromiyaa tan taate Awwadaayitti guyyaa arraa sagantaan eybaafi tumsa miidiyaa Nuuralhudaa hala oowwaan geggeeffame.

Sagantaa tana irratti Ulamaa’otaafi keysummoonni bakka gara garaa irraa afeeraman argamanii jiran.

Akkasuma hawaasni Muslimaa magaalaa Awwadaay lakkoofsaan hedduu tahe galma Bulchiinsa magaalattii guutuun sagantaa irratti hirmaatu beekame.

Hawaasni magaalaa Awwadaay miidiyaa isaatiif deggarsa gaarii kan godhe yoo tahu, fuulduraafis miidiyaa kana guddisuuf qophii tahuu ibse.

#Awwadaay #Ebba_Nuuralhudaa