Nuuralhudaa

Sagaleen Hawaasa Muslimaa Haa Dhagahamu!

04/25/2018

2

Hawaasni Muslimaa Itoophiyaa mirgi amantiisaa akka kabajamu waggoota hedduuf, keessattuu bara 2012 irraa eegalee, qabsoo hadhaawaa taasisaa turee jira. Miseensonni Koree Fala Barnaadduu hawaasichaa gaaffilee mirgaa ummanni kaase qabatanii karaa nagayaatiin mootummaaf gaaffii waan dhiheessaniif qofa sobaan “shorkorkeessummaan” yakkamanii dararamanii jiru. Qabsoo ummataatiin hayyoonni hawaasichaa kanneen akka Uztaaz Ahmaddiin Jabal, Uztaaz Kaamil Shamsuu fi kkf mana hidhaatii hiikamanis gaafileen isaan hidhamaniif har’as deebii hin arganne. Namoonni gaaffilee mirgaa kana waliin walqabatee hidhaman hedduun har’as mana hidhaatti dararamaat jiru.

Hawaasni Muslimaa gaaffilee mirga amantii waliin walqabatan gurguddoo armaan gadii gaafachaa turuun ni yaadatama.

1. Gaaffii bakka bu’oota hawaasichaa (Miseensota Mana Marii Muslimootaa- Majliisa) bilisaan filachuu:

Gaaffiin ijoon hawaasichi Muslimaa kaasaa ture gaaffii bakka bu’oota ofii bilisaan filachuuti. Gaaffiin kun har’as deebii hin arganne. Majiliisni amma maqaa Hawaasichaatiin daldalu hawaasichaan hin filatamne. Basaastotaa fi kaadiroota siyaasaa kan ummata cunqursantu damee tikaa mootummaatiin ummatarra dirqamaan kaa’ame. Namoonni kunniin hawaasicha bakka bu’uu gonkumaa hin danda’an. Barnoota amantii Islaamaas warra qabanii miti. Kanaaf, Majiliisni seeraan alaa kun diigamee hawaasichi bakka bu’oota ofii kallattiin filachuu danda’uu qaba.

2. Mootummaan dhimma amantii keessa galuu akka dhaabuu fi loogummaa Muslimoota irratti raawwatamu dhaabsisuu: Faallaa Heera Biyyattii keewwattoota 11 fi 27tiin mootummaan dhimma amantii Islaamaa jidduu seenee ilaalcha murna “Ahbaash” jedhamuu dirqamaan hawaasa Muslimaa irratti fe’aa turee jira. Kana malees, Muslimoonni iddoowwan akka Aksum jiraatan bakka Masjiida (manneen amantii) itti ijaarratan dhoorkatamanii hanga har’aatti dararaa guddaa argaa jiru. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu dhaabuudhaan mirga walqixxummaa amantii heeraan mirkanaa’e osoo hin sharafin kabajuu qaba.

3. Dhaabbileen barnootaa fi amantii kan qabeenya hawaasichaa ta’an kanneen akka koolleejjii Awwaliyaa qaama hawaasichi filateen akka bulan gaafatamaa turee jira. Majiliisni seeraan ala maqaa hawaasa Muslimaatiin daldalu dhaabbilee barnootaa fi amantii bulchuu irraa akka of qusatu mootummaan deeggarsa barbaachisu taasisuu qaba.

4. Sirni diinagdee Hawaasa Muslimaa moggaatti dhiibu akka dhaabbatuu fi Baankiin Islaamaa (Islamic Bank) hawaasichaan akka hundaa’u eeyyamuu:

Akkaataa seera amantii Islaamaatti dhala (ribaa-interest) nyaachuun dhoorgaadha; haraama. Sababa kanaaf, hawaaasni Muslimaa baankota idileetti sirriitti fayyamaa hin jiru. Rakkoo kana furuuf Baankii Dhala-Maleessaa (interest free bank) hundeessuuf waggoota muraasa dura tattaaffii cimaa godhanii “Baankii Zamzam” jedhamu hundeessuuf ulaagaa seeraa hundaa guutanii erga xumaranii booda, mootummaan eeyyama laachuu diduudhaan hundeeffama baankichaa ugguree jira.

Akkaataa Heera Itoophiyaa Keewwata 41tti namni kamiiyyuu akaakuu diinadgee ykn daldalaa fedhe filatee dhuunfaanis ta’ee gareen gurmaa’ee hojjachuuf mirga guutuu qaba. Baankii Dhalarraa Bilisa Ta’e hundeessuuf heerri fi seeronni biyyattii hin dhoorgan. Baankiiwwan akkasii biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Eeshiyaa fi addunyaa guutuu keessatti hundeeffamanii tajaajila kennaa jiru. Ulaagaa seera amantii Islaamaa guutuun alattis faayidaa diinagdee ol’aanaa akka qaban qorannoowwan dhimmicharratti gaggeeffaman ni addeessu. Hawaasni Muslimaa Itoophiyaa mirga diinagee keessatti bal’inaan hirmaachuu fi dhaabbilee diinadgee amantii isaatiin walsimatan hundeessuu irraa ugguramuu hin qabu. Uggurri Baankii Zamzam irra kaa’ame qaama cunqursaa Muslimoota irratti godhamaa turee fi jiruu waan ta’eef hatattamaan furamuu qaba.

Hawaasni Muslimaas hanga gaaffiileen mirgaa isaanii deebii argatutti, hanga sagaleen isaanii guutuun guututti dhagahamutti qabsoo finiinsuu qabu. Bakka mirgi hawaasa Muslimaa hin kabajamnetti, mirgi Oromoo fi ummattoota biyyattii kabajamuu hin danda’u.

©Husen Tura