Nuuralhudaa

Kophee ofiin of hidhu

06/12/2018

8

Kaampaaniin Naayik (NIKE) kophee ofumaa of hidhu hojjate. Kopheen kun chaarjii elektriikiitiin dalaga. eega miila keessa kaayanii booda yoo harkaan tuqan ni hidhama. wayta baafatuu fedhanis bakkuma san harkaan dhiiban. taa’anii haada kophee harkisaa ooluun hin jiru. teknoolojiin kun bara 2016 hojii irra oolus, gatiin isaa hedduu qaalii waan taheef namni hedduus hin fayyadamu. kopheen kun $1,000 olitti gurgurama.