Sheekh Muhammad Amiin Al-Karroo Rabbi rahmata haa godhuuf.

11/04/2019
NuuralHudaa

Sheekh Muhammad Amiin Abdullaahi Oromticha.

Oromticha maqaa je’u anaa miti kan itti ide’e Sheekni Kitaaba Isaa hundarratti (Al-Oromii) Oromticha jechuun if yaama. Bara 1930 (Akka Lakkoofsa faranjii) Haramaayaa Ganda Karrootti dhalate.

Sheek Muhammad Amiin Al-Karroo jechuun beekkama, Karroon ganda dhaloota Isaati, ganda naannoo magaalaa Haramaayaa jirtu takka.

Sheekni joollummaan Quraana umrii amata 6 osoo jiruu fixee Ilmii biraa baratuutti seene. Isaa waggaa 14 ammoo ni barsiisa, ni baratas. Ilmii Islaamaa tan baratee hin haffaziin akka waan hin qabneeti. Afaan Arabaa, Tafsiira, Fiqhii, Hadiisa, hunda baratee eega hoonga gahe booda barsiisee jira, barreeysee jira.

Eega sheekkootii irraa barate hundarraa Ijaazaa hayyama barsiisuu argate booda, Bara 1953 A.L.F ganda Isaa Karrootti deebi’ee waan barate hunda barsiisuu jalqabe. Darasaa 700 ol tahan barsiisuun eegale. Hundi waan adda addaa baratan. Sheekni ganama salaata Subhii irraa hanga Ishaa’ii barsiisaa ture. Halkan ammoo ibaadaa fii Kitaaba dubbisaati bula. Sa’aa 24 kheeysatti sa’aa 4 qofa rafuun aadaa Isaati hanga arraatti.

Booda gabrummaa amantii fii saba Isaa irratti godhamtu jibbee qawwee bitatee mootummaa nafxanyaa irratti Jihaada godhuu eegale. Humni waraana Isaa fii meeshaan jalaa dhumattee bakka ajjeefamuu gahetti Rabbiin harka kaafiraati Isa baasee biyyaa baqate. Su’ud Arabiyaa hoggaa dhaqe Arabni sirraa baranna jette jalatti hidhatte. Kolleejjii Hadiisaa “Daarul Hadiisa” Makkatti argamu kheeysatti amata 30 oliif Ulamaa’ii gurguddoo barsiisaa ture. Kitaaba hedduu maxxansee jira.

Keessattuu beekkumsa afaan Arabaa “Nahwii” “Sarfii” “Balaaghaa” fii waan akkasii keessatti ilmi namaa kan yeroo ammaa kana Isatti dhihaatu akka waan hin jirreeti je’an Ulamaa’iin. Inni Muhaddisa, Muffassira, Faqiiha, Mu’allifa, Imaama, Allaamaa, Beekaa, Hayyuudha. Seenaa Sheekhaa namni haalaan baruu fedhe kitaaba Isaa tokko bitee gama duraa irratti dubbisuu ni dandaha. Kitaabni Isaa hundi Afaan Arabaatiin barreeyfame.

Fakkeenyaaf Kitaaba Isaa “Baakuuratul Janniyyaah” Sharhii “Ajaruumii” darsaan biyya teenyaatii fii tan biyya birootis tan baranne waa xiqqoodha. Kitaaboonni Inni katabe hedduudha, Sanirraa:

1. Tafsiira Quraanaa Mujallada 33

2. Sharhii Muslim Mujallada 26

Lamaan kana qofa dubbachuun ni gaha.

Kataaboota Saayinsii Afaan Arabaa irratti xiyyeefatan hedduu qaban, Hadiisaa fii Fiqhii Shaafi’iyyaa irrattis ni qaban. Kitaabni Isaan mata duree adda addaa irratti barreeysan 200 oli.

Umrii Isaan guutuu barnootaa fii barsiisutti dabarsan. Ammallee waan ajaa’iba namatti tahu eega maanguddooman boodallee katabuu hin dhaabne. Mana Isaanii keessatti mana kitaabaa guddaa qaban, Achi keessa oolanii bulan. Sa’aa 24 keessaa sa’aa 4 malee hirriba waan je’amu hin beekan. Waan kheeyrii tanarratti sa’aa dabarsuuf hedduu bolalaniif namoota Isaan ziyaaruuf itti dhaqullee daqiiqaa muraasaaf malee wajjiin haasawu hin dhaqqaban jedhan.

Kitaaboota Hadiisaa kenneen hafan hunda sharhii itti godhuuf akka carraaqaa jiran, warri dhiheenyaan Isaan beeku naaf ibsanii jiran.

Sheekhni Mazhaba Shaafi’ii kanuma dur biyyatti baraterra jira, Aqiidaan ammo Ahlusunnaa wal jama’aadha. Aqiidaa salafaarra jira.

—–

Maddi: kitaaba Aqiidaa ulamaaii teenyaa, Urjii Ahmad 2014 barreeyfame.

Sheekni arra duniyaa irraa gama aakhiraa dabranii jiran. Rabbiin Rahmata haa godhuuf.